Imimmaan
25-11-23 (22:59)
25-11-23 (22:59)
Dhukaasa dhaabuun Israa'el fi Hamaas gidduutti yeroo murtaa'eef eegale kun waraana akkaan suukanneessaa ta'e kana haga tokko ni qabbaneessa.
Garuu xumuramuusaa wanti akeeku hin jiru, abdii waan qabuyyuu hin fakkaatu.
Hamaas namoota ugguree ture guyyoota itti aanan keessatti gadhiisuuf tole jedheera, kun lammiilee Israa'eliif boqonnaa sammuuti.
Hamaas ammallee lammiilee ugguree ture keessaa hanga 150 kan ta'an of harka tursuuf jira.
Israa'elootaaf garuu kunoo waan guddaadha, namoota hanga sana dhabanii taa'uurra kanumallee wayyaaf.
Kanneen hafanis haaluma kanaan akka gadhiifaman abdii qabu.
Hamaas namoota hedduu ugguruun isaa isumaafuu qormaata ta'eera.
Namoota ugguran kunuunsuu, hordofuu fi yeroo barbaachisutti bakkaa bakkatti sochoosuun salphaa miti.
Yoo dhibaman hakkamuun dirqama, kun hunduu sochii Hamaasitti danqaa guddaa ta'a.
Hamaas namoota kunneen yoo gadhiise, dhimmasaanii dhiphachuurraa boqonnaa fudhata, waan isaanitti baasaa ture dhimma biraaf oolfata.
Fakkeenyaaf kanneen butaman keessa lammiileen Taayilaand fi Neeppaal jiru.
Isaan kunneen Israa'el yookiin Yihuudota miti. Kanaafuu Hamaas kunuunsuuf dirqama qaba.
Kanneen butaman keessa loltoonni Israa'elis jiru, kun ammoo akka Hamaas isaan of dura qabee mootummaa Israa'elirratti dhiibbaa uumu gargaareera.
Wayita isaan argu mootummaan Israa'el, isaan baasuuf jedhee lammiilee Filisxeem hiika jechuudha.
Kan raawwataa jirus kanuma, kanaan duras dhimmi walfakkaataan qaamolee lameen gidduutti mudataa tureera.
Article share tools
View more share options
Share this post
Copy this link
https://www.bbc.com/afaanoromoo/live/oduu-67493831?ns_mchannel=social&ns_source=twitter&ns_campaign=bbc_live&ns_linkname=6561bfca69d486126e93fd5e%26Hamaas%20namoota%20uggure%20gadhiisuurraa%20maal%20buufata%3F%262023-11-25T09%3A39%3A53.283Z&ns_fee=0&pinned_post_locator=urn:asset:b2791810-ef89-4120-b957-b20373d0b346&pinned_post_asset_id=6561bfca69d486126e93fd5e&pinned_post_type=share
Waa'ee geessituuwwan kanneenii dabalata dubbisi